-
2 Mootota 9:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis Eelsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa isa tokko waamee akkana isaan jedhe: “Uffata kee ol sassaabii mudhii keetti suuqqadhu; achiis dafiitii qaruuraa zayitii kana fudhadhuutii gara Raamot Giiliyaad+ dhaqi. 2 Yommuu achi geessus Yehuu+ ilma Yoshaafaax, ilma Niimshii barbaadi; achiis ol seenii obboloota isaa gidduudhaa isa kaasiitii kutaa isa gara keessaatti isa geessi. 3 Achiis qaruuraa zayitii sana fudhadhu; zayitichas mataa isaa irratti dhangalaasiitii, ‘Yihowaan, “Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera”+ jedha’ isaan jedhi. Sana booda balbala baniitii dafii baqadhu.”
-
-
2 Mootota 9:30-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Achiis Yehuun gara Yezriʼel+ dhufe; Iizaabelis+ waaʼee kanaa ni dhageesse. Kanaafuu, ishiin ija ishii kuullattee, mataa ishiis tottolfattee karaa foddaa gad ilaalaa turte. 31 Yehuun karrichaan yommuu ol seenus ishiin: “Zimrii isa gooftaa isaa ajjeese sana irra maaltu gaʼe?” jette.+ 32 Innis gara foddichaatti ol ilaalee, “Na cinaa kan dhaabbate eenyu dha? Eenyu?”+ jedhe. Yeruma sanas abbootiin taayitaa mana mootummaa lama yookiin sadii taʼan gara isaa gad ilaalan. 33 Innis, “Gad ishii darbadhaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan gad ishii darbatan; dhiigni ishiis girgiddaa irrattii fi fardeen irratti faffacaʼe; Yehuunis fardeeniin ishii dhidhiite.
-