-
1 Mootota 21:19-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Akkana jedhiitii isatti himi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati nama ajjeestee+ qabeenya isaa fudhatte+ mitii?”’ Achiis akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Saroonni bakkuma dhiiga Naabot arraabanitti dhiiga kees ni arraabu.”’”+
20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina koo, na argatte mitii?” jedhe.+ Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Eeyyee, si argadheera. ‘Ati wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutattee waan kaateef,*+ 21 kunoo, ani badiisa si irratti nan fida; si duukaa buʼees haxaaʼee sin balleessa; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo+ dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 22 Ati aarii koo waan kakaastee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan waan gooteef, ani mana kee akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha.’ 23 Iizaabeliin ilaalchisees Yihowaan akkana jedha: ‘Maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti saroonni Iizaabeliin ni nyaatu.+ 24 Nama kan Ahaab taʼee fi magaalaa keessatti duʼu sareetu nyaata; isa dirree keessatti duʼu kam iyyuu immoo allaattiiwwan samiitu nyaata.+
-
-
2 Mootota 9:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Ati mana Ahaab gooftaa keetii ni rukutta; ani dhiiga tajaajiltoota kootii warra raajota taʼanii fi tajaajiltoota Yihowaa warra harka Iizaabel irratti duʼan hundumaatiif haaloo nan baʼa.+
-