LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:3-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+

      4 “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+ 5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;

  • Leewwota 26:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “‘Waaqolii gatii hin qabne ofii keessaniif hin tolfatinaa;+ fakkii bocame+ yookiin siidaa waaqeffannaa ofii keessaniif hin dhaabbatinaa; gara isaatti sagaduufis+ fakkii dhagaa bocamee+ biyya keessan keessa hin dhaabbatinaa; ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

  • Keessa Deebii 4:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Kakuu Waaqni keessan Yihowaan isinii wajjin gale akka hin irraanfanne of eeggadhaa;+ akkasumas fakkii bocame, fakkii wanta Waaqni keessan Yihowaan isin dhowwe akkamii iyyuu hin tolfatinaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi