-
1 Mootota 12:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Mootichi erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booda, jabbilee warqii+ lama hojjetee namoota sanaan, “Yerusaalemitti ol baʼuun baayʼee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana” jedhe.+ 29 Achiis isa tokko Beetel+ keessa, isa tokko immoo Daan+ keessa ni dhaabe. 30 Kunis cubbuu akka hojjetan isaan godhe;+ namoonni sunis jabbii achi jiru waaqeffachuuf hamma Daanitti deemu turan.
-
-
1 Mootota 21:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Dhuguma iyyuu, namni akka Ahaabitti haadha manaa isaa Iizaabeliin oofamee+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutatee kaʼe* tokko illee hin jiru.+ 26 Inni wanta Amooronni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan hunda raawwachuudhaan waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan duukaa buʼee wanta hunda caalaa jibbisiisaa taʼe raawwateera.’”+
-