-
Iyyaasuu 24:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Isaanis Iyyaasuudhaan, “Nuti Waaqa keenya Yihowaa ni tajaajilla; sagalee isaatiifis ni ajajamna!” jedhan.
25 Iyyaasuunis guyyaa sanatti sabichaa wajjin kakuu gale; isaaniifis Sheekem keessatti dambii fi seera hundeesse.
-
-
2 Seenaa Baraa 34:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Mootichi dubbii kakuu kana keessatti argamu isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa+ raawwachuudhaan, Yihowaa duukaa buʼuuf, akkasumas ajajawwan isaa, yaadachiisawwan isaa fi dambiiwwan isaa garaa isaa guutuu fi lubbuu* isaa guutuudhaan+ eeguuf, iddoo isaa dhaabbatee Yihowaa duratti kakuu gale.*+ 32 Kana malees, namoonni Yerusaalemii fi Biiniyaam keessa jiran hundi kakuu kana irratti akka waliif galan godhe. Jiraattonni Yerusaalemis akka kakuu Waaqayyoo isa Waaqa abbootii isaanii taʼeetti tarkaanfii fudhatan.+
-