LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 19:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 “‘Isaan akka isin hin xureessineef eker dubbistoota bira hin dhaqinaa;+ raagdotas hin gaafatinaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

  • Keessa Deebii 18:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11 namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+

  • 2 Mootota 21:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture.

  • 2 Mootota 21:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Ilma ofii isaas ibiddaan ni gube;* falfala ni raawwate; milkii ni ilaallate;+ akkasumas eker dubbistootaa fi raagdota ni muude.+ Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate.

  • Isaayyaas 8:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Isaan, “Eker dubbistoota yookiin raagdota warra wacanii fi gunguman gaafadhu” yoo siin jedhan, sabni tokko gaafachuu kan qabu Waaqa isaa mitii? Isaan waaʼee warra lubbuudhaan jiranii warra duʼan gaafachuu qabuu?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi