-
Keessa Deebii 18:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11 namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+ 12 Sababiin isaas, namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha; Waaqni kee Yihowaan si duraa isaan ariʼaa kan jirus gochawwan jibbisiisoo kanaan kan kaʼe dha.
-