-
2 Seenaa Baraa 35:20-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Kana hundumaa booda, Yosiyaas mana qulqullummaa* qopheessee yommuu xumurutti, Nekoon+ mootiin Gibxii Kaarkemiish ishii laga Efraaxis biratti argamtutti waraanaaf ni dhufe. Achiis Yosiyaas isa loluuf baʼe.+ 21 Kanaafuu, Nekoon ergamtoota gara isaatti ergee, “Yaa mootii Yihudaa, ana loluudhaaf kan baate maaliifi? Ani harʼa si loluuf hin dhufne; kanaa mannaa lolli koo mana kan biraa wajjini; Waaqayyos akkan ariifadhu na ajajeera. Ofiif jedhiitii Waaqa isa anaa wajjin jiru mormuu dhiisi; taʼuu baannaan garuu inni si balleessa” isaan jedhe. 22 Yosiyaas garuu isa irraa hin deebine; kanaa mannaa isa loluuf eenyummaa isaa dhoksee baʼe;+ dubbii Nekoo isa afaan Waaqayyoo keessaa baʼes hin dhageenye. Kanaafuu, inni lolaaf gara Dirree Megidoo+ ni dhufe.
23 Warri xiyya darbatanis Yosiyaas Mooticha ni waraanan; mootichis tajaajiltoota isaatiin, “Ani akka malee waanan madaaʼeef, as keessaa na baasaa” jedhe. 24 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa gaarii fardaa irraa isa buusanii gaarii fardaa waraanaa isaa isa lammaffaa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa fidan. Akka kanaan inni duʼee awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame;+ guutummaan Yihudaa fi Yerusaalemis Yosiyaasiif ni booʼan. 25 Ermiyaasis+ Yosiyaasiif faaruu gaddaa ni faarfate; dhiironnii fi dubartoonni faarfattoota+ taʼan hundis hamma harʼaatti Yosiyaasiif faaruu gaddaa ni faarfatu; faaruuwwan kunis Israaʼel keessatti akka faarfatamanii fi kitaaba faaruuwwan gaddaa keessatti akka barreeffaman ni murteeffame.
-
-
Zakkaariyaas 12:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guyyaa sanatti booʼichi Yerusaalem keessa jiraatu, akkuma booʼicha Hadaadrimoon ishii dirree Megidoo keessatti argamtuu guddaa ni taʼa.+
-