-
2 Mootota 21:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. 2 Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan,+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
-
-
2 Mootota 21:19-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Amoon+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lamaaf ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Meshulemeet yeroo taʼu, ishiin intala Haruuz isa nama Yotbaa taʼee turte. 20 Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 21 Daandii abbaan isaa irra deeme hunda irras ni deeme; waaqolii tolfamoo balfamoo taʼanii fi abbaan isaa tajaajilaa ture ni tajaajile; isaaniifis ni sagade.+
-