LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 23:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isatti aansuudhaan, Eleʼazaar+ ilma Doodoo+ ilma Ahohii yeroo taʼu, inni loltoota jajjaboo sadan warra yommuu isaan Filisxeemota doorsisanitti Daawitii wajjin turan keessaa tokko dha. Filisxeemonni achitti waraanaaf walitti qabamanii turan; namoonni Israaʼel yommuu baqatanittis, 10 inni bakka dhaabbatee utuu hin sochoʼin irreen isaa hamma butututti, akkasumas harki isaa goraadeetti gogee hamma hafutti Filisxeemota ni ajjeese.+ Kanaafuu, Yihowaan guyyaa sanatti injifannoo* guddaan akka argamu godhe;+ namoonni sunis warra ajjeefaman sana saamuuf isa duubaan deebiʼanii dhufan.

  • 2 Saamuʼel 23:15-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis Daawit, “Boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibse. 16 Yeroo kanatti loltoonni jajjaboon sadan gara buufata Filisxeemotaatti cabsanii seenuudhaan, boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan; inni garuu bishaanicha dhuguu didee Yihowaadhaaf gad dhangalaase.+ 17 Achiis, “Yaa Yihowaa, kana gochuun anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii deeman kanaa dhuguun qabaa?”+ jedhe. Kanaan kan kaʼes, bishaanicha dhuguu dide. Kun, wantoota loltoonni jajjaboon isaa sadan raawwatani dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi