LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 20:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Gara Hisqiyaas isa geggeessaa saba kootii taʼetti deebiʼiitii akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera.+ Kunoo, sin fayyisa.+ Guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti ol ni baata.+

  • 2 Mootota 20:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isaayyaasis deebisee, “Mallattoon Yihowaa biraa dhufee fi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu argisiisu kana dha: Gaaddidduun kortoo* irra jiru tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti akka deemu moo tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu barbaadda?” isaan jedhe.+

  • 2 Seenaa Baraa 32:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Haa taʼu malee, yommuu namoonni bulchitoota Baabilon bakka buʼanii dubbatan waaʼee mallattoo*+ biyyattii keessatti taʼee+ ture sanaa akka isa gaafataniif ergamanitti, Waaqni dhugaan isa qoruu+ fi wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa beekuuf+ jecha isa ni dhiise.

  • Isaayyaas 38:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Gaaddidduun kortoo* Akaaz irra gad buʼaa jiru tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu nan godha.”’”+ Kanaafuu, gaaddidduun kortoo sana irra gad buʼee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti ni deebiʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi