-
2 Seenaa Baraa 31:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Isaan wantoota kana hundumaa akkuma xumuraniin, Israaʼelonni achitti argaman hundi gara magaalota Yihudaatti baʼanii guutummaa Yihudaa fi Biiniyaam keessaa, akkasumas biyya Efreemii fi biyya Minaasee+ keessaa guutummaatti hamma balleessanitti siidaawwan waaqeffannaa ni caccabsan,+ utubaawwan waaqeffannaa* ni mummuran,+ akkasumas iddoowwan ol kaʼoo+ fi iddoowwan aarsaa ni diigan;+ achiis Israaʼelonni hundi gara magaalaa isaaniitti, tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan.
-