-
2 Mootota 18:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Iddoowwan ol kaʼoo kan balleesse,+ siidaawwan waaqeffannaa kan caccabsee fi utubaa waaqeffannaa* kan mummure isa ture.+ Inni bofa sibiila diimaa isa Museen hojjete sanas ni caccabse;+ sababiin isaas, namoonni Israaʼel hamma yeroo sanaatti bofichaaf aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan; innis waaqa tolfamaa bofa sibiila diimaa* jedhama ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 34:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Inni mootii taʼee waggaa 8ffaa isaatti utuu mucaa xinnoo taʼee jiruu, Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaddachuu jalqabe;+ waggaa 12ffaa isaatti immoo Yihudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan ol kaʼoo,+ utubaawwan waaqeffannaa,* fakkiiwwan bocamanii+ fi siidaawwan sibiilaa* haxaaʼee balleessuu jalqabe.+
-