LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 12:48
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 48 Namni biyya ormaa sii wajjin jiraatu Yihowaadhaaf Faasikaa kabajuu yoo barbaade, dhiirri kan isaa taʼe kam iyyuu dhaqna haa qabatu. Achiis ayyaanicha kabajuuf dhihaachuu dandaʼa; sana booda inni akka lammii biyyattii ni taʼa. Haa taʼu malee, dhiirri dhaqna hin qabanne kam iyyuu isa irraa nyaachuu hin dandaʼu.+

  • Ruut 1:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Ruut garuu akkana jette: “Akkan si dhiisus taʼe, sii wajjin deemuu dhiisee akkan deebiʼu na hin kadhatin; bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, bakka ati bultu anis nan bula. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.+

  • 2 Mootota 5:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Sana booda inni namoota* isaa hundumaa wajjin gara nama Waaqa dhugaatti deebiʼee+ isa dura dhaabbachuudhaan, “Ani Israaʼel keessa malee guutummaa lafaa irra eessa iyyuu Waaqni akka hin jirre amma hubadheera.+ Amma maaloo, ana tajaajilaa kee irraa kennaa* tokko fudhadhu” isaan jedhe.

  • Isaayyaas 56:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,

      Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+

      Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,

      Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,

      Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,

       7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+

      Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.

      Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.

      Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+

  • Hojii Ergamootaa 8:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Innis kaʼee yommuu dhaqu, nama Itoophiyaa xuʼaashii* taʼe tokko arge; namichi kun qondaala mootuu Itoophiyaa Kandaakee yeroo taʼu, qabeenya ishii hunda irratti kan ajaju ture. Inni waaqeffachuudhaaf gara Yerusaalem dhaqee ture;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi