-
2 Seenaa Baraa 17:3-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yoshaafaax daandiiwwan abbaan isaa Daawit isa dura irra deemaa ture irra waan deemeef,+ akkasumas Baʼaaliin waan hin barbaaddanneef, Yihowaan isaa wajjin ni taʼe. 4 Inni barsiifatawwan Israaʼel hin hordofne;+ kanaa mannaa, Waaqa abbaa isaa ni barbaaddate;+ ajajawwan isaas ni hordofe.* 5 Yihowaan mootummicha harka isaa irratti ni cimse;+ guutummaan Yihudaas Yoshaafaaxiif kennaawwan ni fidu turan; inni soorumaa fi ulfina guddaas ni argate.+ 6 Inni daandiiwwan Yihowaa irra deemuuf ni onnate; iddoowwan ol kaʼoo+ fi utubaawwan waaqeffannaas*+ Yihudaa keessaa ni balleesse.
-