-
1 Mootota 12:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Mootichi erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booda, jabbilee warqii+ lama hojjetee namoota sanaan, “Yerusaalemitti ol baʼuun baayʼee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana” jedhe.+ 29 Achiis isa tokko Beetel+ keessa, isa tokko immoo Daan+ keessa ni dhaabe. 30 Kunis cubbuu akka hojjetan isaan godhe;+ namoonni sunis jabbii achi jiru waaqeffachuuf hamma Daanitti deemu turan.
-
-
1 Mootota 13:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Kun erga taʼee booda illee, Yeroboʼaam daandii isaa isa hamaa irraa hin deebine; kanaa mannaa, uummaticha keessaa iddoowwan ol kaʼoodhaaf luboota muuduu isaa itti fufe.+ Akkasumas, “Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo keessaa tokko haa taʼu” jechuudhaan, nama luba taʼuu barbaadu kam iyyuu luba godhee ni muuda* ture.+
-