-
2 Seenaa Baraa 24:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Raayyaan waraanaa Sooriyaa inni weerartuu taʼe namoota muraasa kan qabu taʼus, sabichi Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Yihowaan raayyaa waraanaa guddaa harka isaaniitti dabarsee kenne;+ kanaafuu, isaan* murtii Yoʼaas irratti dabarfame ni raawwachiisan. 25 Isaan isa dhiisanii yommuu deebiʼan (isaan akka malee waan isa madeessaniif*), inni dhiiga ilmaan* Yehoyaadaa lubichaa waan dhangalaaseef, tajaajiltoonni isaa isa irratti ni mariʼatan.+ Isaanis utuma inni siree isaa irra jiruu isa ajjeesan.+ Innis ni duʼe; isaanis iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti utuu hin taʼin,+ Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 28:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; isaan magaalaa Yerusaalem keessatti isa awwaalan malee, gara iddoo awwaalchaa mootota Israaʼelitti isa hin fidne.+ Ilmi isaa Hisqiyaasis bakka isaa mootii taʼe.
-