LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 24:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Raayyaan waraanaa Sooriyaa inni weerartuu taʼe namoota muraasa kan qabu taʼus, sabichi Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Yihowaan raayyaa waraanaa guddaa harka isaaniitti dabarsee kenne;+ kanaafuu, isaan* murtii Yoʼaas irratti dabarfame ni raawwachiisan. 25 Isaan isa dhiisanii yommuu deebiʼan (isaan akka malee waan isa madeessaniif*), inni dhiiga ilmaan* Yehoyaadaa lubichaa waan dhangalaaseef, tajaajiltoonni isaa isa irratti ni mariʼatan.+ Isaanis utuma inni siree isaa irra jiruu isa ajjeesan.+ Innis ni duʼe; isaanis iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti utuu hin taʼin,+ Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan.+

  • 2 Seenaa Baraa 28:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; isaan magaalaa Yerusaalem keessatti isa awwaalan malee, gara iddoo awwaalchaa mootota Israaʼelitti isa hin fidne.+ Ilmi isaa Hisqiyaasis bakka isaa mootii taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi