-
2 Mootota 10:10-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kanaafuu, isin amma dubbii Yihowaa isa Yihowaan mana Ahaab irratti dubbate keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne* beekaa;+ Yihowaan wanta karaa tajaajilaa isaa Eeliyaas dubbate raawwateera.”+ 11 Kana malees, Yehuun warra mana Ahaab keessaa hafan hundumaa fi Yezriʼel keessa jiraatan, akkasumas namoota isaa warra beekamoo taʼan, michoota isaa fi luboota+ isaa hunda tokko illee utuu hin hambisin ni ajjeese.+
12 Achiis inni kaʼee gara Samaariyaatti karaa isaa qajeele. Manni tiksitoonni rifeensa hoolotaa itti muran karicha irra jira ture. 13 Achittis Yehuun obboloota Akaaziyaa+ mootii Yihudaa argatee, “Isin eenyu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Nuti obboloota Akaaziyaa ti; ilmaan mootichaa fi ilmaan haadha mootichaa hundi nagaa taʼuu isaanii gaafachuuf gad buʼaa jirra” isaan jedhan. 14 Innis yeruma sana, “Akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabanii boolla bishaanii mana tiksitoonni rifeensa hoolaa itti muran bira jirutti namoota 42 ni gorraʼan. Inni nama tokko illee hin hambisne.+
-