-
1 Mootota 3:5-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Gibeʼonittis Yihowaan halkan abjuudhaan Solomoonitti ni mulʼate; Waaqayyos, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu” isaan jedhe.+ 6 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Inni amanamummaadhaan, qajeelummaa fi garaa qajeelaadhaan si duratti deddeebiʼaa waan tureef, ati tajaajilaa kee abbaa koo Daawititti jaalala amanamaa guddaa taʼe argisiisteetta. Ilma teessoo isaa irra taaʼu isaaf kennuudhaan, hanga guyyaa kanaatti jaalala amanamaa guddaa taʼe kana isatti argisiisuu kee itti fufteetta.+ 7 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, ani mucaa xinnaa fi muuxannoo kan hin qabne*+ yoon taʼe illee, ana tajaajilaa kee bakka abbaa koo Daawit mootii gooteetta. 8 Tajaajilaan kee saba ati filatte,+ saba hedduu baayʼina isaatiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye gidduutti argama. 9 Kanaafuu, tajaajilaan kee saba keetiif murtii kennuu, akkasumas wanta gaarii taʼee fi wanta hamaa taʼe gargar baasee beekuu akka dandaʼuuf,+ garaa ajajamu isaaf kenni;+ taʼuu baannaan, saba kee isa baayʼee hedduu* taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”
-