LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 30:12-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yeroo ilmaan Israaʼel galmeessituu fi lakkooftu hundumaatti,+ tokkoon tokkoon namaa yeroo kanatti lubbuu isaatiif Yihowaadhaaf furii haa kennu. Kunis, yeroo isaan galmeeffamanitti dhaʼichi akka isaanitti hin dhufneefi. 13 Wantoonni warri galmeeffaman hundi kennan kanneen kana dha: akka madaallii sheeqilii* iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti+ sheeqilii* walakkaa ni kennu. Sheeqiliin tokko geeraa* 20 wajjin qixxee dha. Sheeqilii walakkaan buusii Yihowaadhaaf godhamu dha.+ 14 Namni umuriin isaa waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffame hundi buusii Yihowaadhaaf godhamu ni kenna.+ 15 Araara lubbuu keessaniif godhamuuf namni sooressa taʼe sheeqilii* walakkaa caalaa, namni hiyyeessa taʼes sheeqilii walakkaadhaa gad Yihowaadhaaf buusii godhee kennuu hin qabu. 16 Maallaqa meetii araaraaf taʼu Israaʼelota irraa fuutee tajaajila dunkaana walgaʼii keessatti raawwatamuuf ni kennita; innis Israaʼelotaaf Yihowaa duratti yaadannoo ni taʼa; lubbuu keessaniifis araara ni argamsiisa.”

  • Nahimiyaa 10:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 “Kana malees, tajaajila mana* Waaqa keenyaatiif waggaa waggaadhaan tokkoon tokkoon keenya sheeqilii* harka sadii keessaa harka tokko kennuuf dirqama keessa of ni galchina;+

  • Maatewos 17:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Qifirnaahom erga gaʼanii booda, namoonni gibira mana qulqullummaa* sassaaban gara Pheexiros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?”+ jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi