-
1 Mootota 14:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni hojjete;+ cubbuu hojjetaniinis isa abbootiin isaanii godhan caalaa isa ni dheekkamsiisan.+ 23 Isaanis tabbawwan dhedheeroo hunda irrattii fi muka lalisaa+ hunda jalatti iddoowwan ol kaʼoo,+ siidaawwan waaqeffannaa fi utubaawwan waaqeffannaa*+ ofii isaaniitiif ni hojjetan.
-
-
2 Seenaa Baraa 21:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche.+
-
-
2 Seenaa Baraa 21:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Kana malees inni jiraattonni Yerusaalem karaa hafuuraa sagaagalummaa akka raawwatan gochuuf, gaarota Yihudaa irratti iddoowwan ol kaʼoo ni hojjete;+ Yihudaas karaa irraa ni jalʼise.
-