-
2 Mootota 8:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche. 18 Inni intala Ahaab waan fuudheef,+ akkuma warri mana Ahaab godhanitti+ daandii mootonni Israaʼel irra deeman irra ni deddeebiʼe;+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 19 Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hunda isaa fi ilmaan isaatiif ibsaa akka kennu waadaa galee waan tureef,+ tajaajilaa isaa Daawitiif jedhee Yihudaa balleessuu hin barbaanne.+
-