-
2 Mootota 8:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Akaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokkoof ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa+ yeroo taʼu, ishiin intala ilma Omrii*+ isa mootii Israaʼel taʼe sanaa turte. 27 Inni gaaʼelaan mana Ahaabitti+ waan firoomeef, daandii mana Ahaab irra ni deeme; akkuma mana Ahaab wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe.+
-