-
1 Seenaa Baraa 15:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Achiis Daawit ajajjoonni Leewwotaa obboloota isaanii warra faarfattoota taʼan, meeshaawwan muuziqaatti, jechuunis meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanitti, baganaattii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii gammachuudhaan akka faarfatan akka muudan isaanitti hime.
17 Kanaafuu, Leewwonni Hemaan+ ilma Yooʼeliin, obboloota isaa keessaa Asaaf+ ilma Berekiyaa, akkasumas obboloota isaanii Meraarota keessaa immoo Eetaan+ ilma Qushaayaa ni muudan.
-
-
1 Seenaa Baraa 25:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Kana malees Daawitii fi ajajjoonni gareewwan tajaajilaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii raajii dubbachuudhaan akka tajaajilaniif ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun+ keessaa tokko tokko adda ni baasan. Maqaan namoota tajaajila kanaaf itti gaafatamummaa qabanii kanaa gaditti tarreeffameera: 2 ilmaan Asaaf keessaa: Zaakur, Yoseef, Naataaniyaa fi Asharʼelaa yeroo taʼan, isaan ilmaan Asaaf warra qajeelfama Asaaf jala jiranii fi qajeelfama mootichaa jala taʼanii raajii dubbatan turan.
-