-
Lakkoofsa 8:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Ani Israaʼelota gidduudhaa Aaronii fi ilmaan isaatiif Leewwota nan kenna; isaanis bakka Israaʼelotaa buʼanii dunkaana walgaʼii keessatti ni tajaajilu;+ akkasumas sabni Israaʼel gara iddoo qulqulluutti dhihaachuu isaaniitiin kan kaʼe isaan gidduutti dhaʼichi akka hin dhufneef isaan Israaʼelotaaf araara argamsiisu.”+
-
-
2 Seenaa Baraa 30:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Gumicha keessa namoonni of hin qulqulleessine hedduun jiru turan; kanaafuu, Leewwonni namoota qulqulluu hin taane hundumaa Yihowaadhaaf qulqulleessuuf jecha aarsaawwan Faasikaa qaluuf itti gaafatamummaa qabu turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 35:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Qophichi ni xumurame; achiis akkuma mootichi ajajee turetti luboonni iddoo iddoo isaanii, Leewwonnis akka garee garee+ isaaniitti ni dhaabbatan. 11 Isaanis aarsaawwan Faasikaa ni qalan;+ luboonnis dhiiga isaan harkaa fudhatan sana ni facaasan;+ yeroo kanatti Leewwonni horiiwwan sana irraa gogaa baasu turan.+
-