-
Nahimiyaa 7:61-65Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
61 Warri kanaa gaditti ibsaman Teel Melaa, Teel Harshaa, Keruub, Adoonii fi Iimer irraa kan dhufan taʼus, isaan Israaʼelota taʼuu fi dhiisuu isaanii+ ilaalchisee manneen abbootii isaanii fi sanyii isaanii sirriitti beekuu hin dandeenye: 62 ilmaan Delaayaa, ilmaan Xoobiyaa fi ilmaan Neqodaa 642. 63 Luboota keessaa: ilmaan Habaayaa, ilmaan Haqoozii+ fi ilmaan Baarzilaay isa ijoollee durbaa Baarzilaay+ Giiliyaadichaa keessaa ishii takka fuudhee fi maqaa soddaa isaatiin waamame sanaa. 64 Kanneen kun, hidda dhalootaa isaanii mirkaneeffachuuf galmee keessaa kan barbaadan taʼus, isaan argamuu waan hin dandeenyeef hojii lubummaa irraa ni ittifaman.*+ 65 Bulchaan*+ sunis lubni Uuriimii fi Tuumiimiidhaan+ gorsa gaafatu hamma argamutti wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼan+ irraa nyaachuu akka hin qabne isaanitti hime.
-