-
1 Seenaa Baraa 29:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 wanta warqiidhaan hojjetamuuf warqii, wanta meetiidhaan hojjetamuuf meetii, akkasumas hojii ogeessota harkaatiin hojjetamu hundumaatiif wanta barbaachisu nan kenna. Harʼa fedhiidhaan Yihowaadhaaf harka isaatti kennaa qabatee kan dhihaatu eenyu?”+
-
-
Nahimiyaa 7:70-72Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
70 Dura buutonni manneen abbootii tokko tokko hojichaaf buusii ni godhan.+ Bulchaan* sun warqii diraakmaa* 1,000, saaniiwwan golboo 50 fi uffata lubootaa+ 530 mana qabeenyaatiif ni kenne. 71 Dura buutota manneen abbootii keessaa tokko tokkos, warqii diraakmaa 20,000 fi meetii miinaa* 2,200 mana qabeenyaa hojichaatiif ni kennan. 72 Namoonni hafan kaan immoo warqii diraakmaa 20,000, meetii miinaa 2,000 fi uffata lubootaa 67 ni kennan.
-