- 
	                        
            
            Baʼuu 25:2-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
2 “Buusii akka anaaf fidan saba Israaʼelitti himi; nama garaan isaa isa kakaase hundumaa irraa buusii koo ni fuutu.+ 3 Buusiin isaan irraa fuutan kana dha: warqii,+ meetii,+ sibiila diimaa,+ 4 foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee,* foʼaa diimaa, foʼaa quncee talbaa baʼeessa, rifeensa reʼee, 5 gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame, gogaa tahaash,* muka laaftoo,+ 6 zayitii ibsaawwanii,+ baalsaamii zayitii dibataa*+ fi ixaana urgaaʼuuf oolu,+ 7 akkasumas dhagoota oniiksii* fi dhagoota kaan warra efuudii+ fi kiisii qomaa+ irratti maxxanfaman.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Baʼuu 35:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
29 Dhiironnii fi dubartoonni warri garaan isaanii isaan kakaase hundi hojii Yihowaan karaa Musee ajaje sanaaf wanta barbaachisu ni fidan; Israaʼelonnis kennaa fedhiidhaan Yihowaadhaaf kennamu godhanii wantoota kana ni fidan.+
 
 -