-
Faarfannaa 126:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
126 Yihowaan yeroo namoota Xiyoon warra boojiʼaman deebisee walitti qabetti+
Abjuu keessa kan jirru nutti fakkaate.
2 Yeroo sanatti afaan keenya kolfaan
Arrabni keenyas ililchuudhaan guutame.+
Yeroo sanatti isaan saboota gidduutti,
“Yihowaan wantoota guguddaa isaaniif raawwate”+ jedhan.
3 Yihowaan wantoota guguddaa nuuf raawwate,+
Nutis baayʼee gammanne.
-