Izraa 3:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan inni Israaʼeliif qabu bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii wal harkaa fuudhanii+ Yihowaa jajachuu fi galateeffachuu jalqaban. Buʼuurri mana Yihowaa waan kaaʼameefis, sana booda guutummaan sabichaa sagalee guddaadhaan Yihowaa ni jajate. Faarfannaa 106:47 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 47 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nu oolchi;+Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+Saboota keessaa walitti nu qabi.+ Isaayyaas 49:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+ Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+ Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+ Ermiyaas 31:12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 12 Isaan dhufanii iddoo ol kaʼaa Xiyoon irratti ni ililchu,+Gaarummaa Yihowaatti,*Midhaanitti, daadhii wayinii haaraatti,+ zayitiitti,Ilmoolee bushaayee fi jabbileetti ni gammadu.+ Isaan akkuma iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argatuu ni taʼu,+Matumaas deebiʼanii hin laafan.”+
11 Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan inni Israaʼeliif qabu bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii wal harkaa fuudhanii+ Yihowaa jajachuu fi galateeffachuu jalqaban. Buʼuurri mana Yihowaa waan kaaʼameefis, sana booda guutummaan sabichaa sagalee guddaadhaan Yihowaa ni jajate.
47 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nu oolchi;+Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+Saboota keessaa walitti nu qabi.+
13 Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+ Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+ Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+
12 Isaan dhufanii iddoo ol kaʼaa Xiyoon irratti ni ililchu,+Gaarummaa Yihowaatti,*Midhaanitti, daadhii wayinii haaraatti,+ zayitiitti,Ilmoolee bushaayee fi jabbileetti ni gammadu.+ Isaan akkuma iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argatuu ni taʼu,+Matumaas deebiʼanii hin laafan.”+