-
Izraa 7:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Waaqa abbootii keenyaa kan taʼe Yihowaan, inni mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamu akka miidhagsuuf yaada kana garaa mootichaa keessa kaaʼe haa jajamu!+ 28 Kana malees, inni mootichaa fi gorsitoota isaa,+ akkasumas bulchitoota mootichaa warra jajjaboo taʼan hundumaa duratti jaalala amanamaa natti argisiiseera.+ Harki Waaqa koo Yihowaa anaa wajjin waan tureef, nan onnadhe;* Israaʼel keessaas namoonni dura buutota* taʼan anaa wajjin akka ol baʼan walitti isaan nan qabe.
-