-
Lakkoofsa 22:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kanaafuu, Moʼaab jaarsolii Miidiyaaniin,+ “Akkuma qotiyyoon tokko marga dirree keessaa nyaatee fixutti, gumiin kunis wantoota naannoo keenyatti argaman hundumaa nyaatee ni fixa” jedhe.
Yeroo sanatti Baalaaq ilmi Ziphoor mootii Moʼaab ture. 5 Innis gara Balaʼaam ilma Beʼor isa Phetoor+ ishii biyya dhalootaa isaa keessa Lagicha* biratti argamtu sana keessa jiraatutti ergamtoota ni erge. Akkana jedhees isatti ni dhaame: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii keessaa baʼee dhufeera. Fuula* lafaas uwwiseera;+ asuma na fuuldura jiraachaa jira. 6 Sabichi ana caalaa cimaa waan taʼeef, maaloo, kottuutii saba kana naaf abaari.+ Inni ati eebbiste kan eebbifame, inni ati abaarte immoo kan abaarame akka taʼu akka gaariitti waanan beekuuf, tarii sabicha moʼuu fi biyyattii keessaa ariʼuu nan dandaʼa taʼa.”
-