-
Iyyaasuu 24:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis Baalaaq ilmi Ziphoor inni mootii Moʼaab taʼe kaʼee Israaʼel irratti waraana bane. Kanaafuu, inni akka isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoriin ni waame.+
-
-
Nahimiyaa 13:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Guyyaa sanatti kitaabni Musee utuma sabichi dhagaʼuu ni dubbifame;+ yaanni namni Amoon yookiin namni Moʼaab+ yoom iyyuu gara gumii Waaqa dhugaatti galuu akka hin qabne ibsus barreeffamee argame;+ 2 sababiin isaas, isaan Israaʼelotaaf buddeenaa fi bishaan hin kennine; kanaa mannaa, akka isaan abaaruuf Balaʼaamiin itti bitanii turan.+ Waaqni keenya garuu abaarsicha gara eebbaatti jijjiire.+
-