LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Asteer 3:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, labsiin akka isaan balleeffaman ajaju haa barreeffamu. Anis mana qabeenyaa mootichaatti akka galchaniif abbootii taayitaatiif meetii taalaantii* 10,000 nan kaffala.”*

  • Asteer 7:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sababiin isaas anii fi sabni koo dhumaatiidhaaf, ajjeefamuu fi barbadeeffamuuf gurguramneerra.+ Garboota dhiiraa fi garboota dubartii taʼuudhaaf qofa gurguramne utuu taʼee nan callisan ture. Haa taʼu malee, badiisni kun mooticha irrattis miidhaa waan geessisuuf, callifamee ilaalamuu hin qabu.”

  • Asteer 9:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Kanas kan godhan, Haamaan+ ilmi Hamedaataa Agaagichi+ inni diina Yihudoota hundumaa taʼe, Yihudoota balleessuuf mala qopheessee waan tureef,+ akkasumas isaan naasisuu fi isaan balleessuuf Puur, jechuunis Carraa buusee waan tureefi.+ 25 Haa taʼu malee, yommuu Asteer mooticha duratti dhihaattu, mootichi ajaja barreeffamaa,+ “Malli inni hamminaan Yihudoota irratti qopheesse+ kun mataa isaa irratti haa deebiʼu” jedhu kenne; isaanis isaa fi ilmaan isaa jirma irratti fannisan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi