-
Asteer 2:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Gosa Biiniyaam+ keessaa ilma Yaaʼir, ilma Shimeʼii, ilma Qiish kan taʼe namni Yihudii maqaan isaa Mordekaay+ jedhamu tokko dahoo* Shushaan*+ keessa jira ture; 6 inni namoota Yikooniyaa*+ mootii Yihudaa isa Nebukadnezaar mootiin Baabilon boojuudhaan fudhatee wajjin Yerusaalem keessaa boojuudhaan fudhataman keessaa tokko ture.
-
-
Asteer 3:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha.
-