LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Inni namoota Yerusaalem hundumaa, bulchitoota hundumaa,+ loltoota jajjaboo taʼan hundumaa, akkasumas nama ogummaa harkaa fi ogummaa sibiilaa qabu* hundumaa,+ walumaa galatti namoota 10,000 boojiʼee fudhate. Namoota biyyattii warra hiyyeeyyii taʼaniin alatti eenyu illee achitti hin hafne.+ 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

  • 1 Seenaa Baraa 3:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Ilmaan Yehoyaaqiim, ilma isaa Yikooniyaa+ fi ilma isaa Zedeeqiyaa turan.

  • 2 Seenaa Baraa 36:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi guyyaa kudhaniif ni bulche; wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 10 Jalqaba waggichaatti* Nebukadnezaar Mootichi isa, akkasumas wantoota mana Yihowaa keessa jiranii fi gatii guddaa qaban+ gara Baabilonitti akka fidaniif namoota isaa ni erge.+ Obboleessa abbaa isaa Zedeeqiyaa immoo Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.+

  • Ermiyaas 22:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Namichi Kooniyaa jedhamu kun hubboo cabaa tuffatamee fi

      Miʼa eenyu iyyuu hin barbaanne dhaa?

      Innis taʼe sanyiin isaa kan gad darbataman,

      Gara biyya hin beekneettis kan gataman maaliifi?’+

  • Ermiyaas 24:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, Yikooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, bulchitoota Yihudaa, ogeeyyii harkaa fi warra hojii sibiilaa hojjetanii* wajjin boojiʼee Yerusaalem irraa gara Baabilonitti+ erga fudhatee booda, Yihowaan guuboowwan firii harbuu qabatanii fi mana qulqullummaa Yihowaa dura kaaʼaman lama natti argisiise.

  • Ermiyaas 37:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Zedeeqiyaan+ Mootichi ilmi Yosiyaas bakka Kooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim bulchuu jalqabe; sababiin isaas, Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyya Yihudaa keessatti mootii isa godhee ture.+

  • Ermiyaas 52:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Achiis Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 25ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+

  • Maatewos 1:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yosiyaas+ bara boojuudhaan gara Baabilonitti geeffamanitti+ Yikooniyaa+ fi obboloota isaa dhalche.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi