-
Iyyoob 20:26-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Qabeenya isaa dukkana cimaatu eeggata;
Ibiddi eenyu iyyuu hin afarsine isa ni nyaata;
Dunkaana isaa keessatti kan hafu kam iyyuu balaatu eeggata.
27 Samiin balleessaa isaa ni saaxila;
Laftis isa irratti ni kaati.
28 Lolaan mana isaa haxaaʼee fudhata;
Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti* lolaa cimaan ni dhufa.
29 Qoodni namni hamaan Waaqayyo biraa argatu,
Dhaalli Waaqayyo isaaf labses kana dha.”
-