-
Uumama 6:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Dhuma irratti Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge.+
-
-
Iyyoob 31:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Inni daandiiwwan koo hin arguu?+
Tarkaanfii koo hundumaas hin lakkaaʼuu?
-
-
Fakkeenya 5:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Sababiin isaas, daandiin namaa ija Yihowaa dura jira;
Inni karaa isaa hundumaa ni qora.+
-
-
Ermiyaas 16:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Sababiin isaas, ijji koo wanta isaan raawwatan hundumaa ni arga.*
Isaan na duraa hin dhokanne,
Balleessaan isaaniis ija koo duraa hin dhokanne.
-