LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 6:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Dhuma irratti Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge.+

  • 2 Seenaa Baraa 16:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Eeyyee, warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef*+ jabina isaa argisiisuuf,* ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.+ Ati gama kanaan gocha gowwummaa raawwatteetta; ammaa jalqabee waraanni si irratti ni banama.”+

  • Iyyoob 31:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Inni daandiiwwan koo hin arguu?+

      Tarkaanfii koo hundumaas hin lakkaaʼuu?

  • Fakkeenya 5:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Sababiin isaas, daandiin namaa ija Yihowaa dura jira;

      Inni karaa isaa hundumaa ni qora.+

  • Fakkeenya 15:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Ijji Yihowaa bakka hundumaa jira,

      Namoota hamoos namoota gaariis ni ilaala.+

  • Ermiyaas 16:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Sababiin isaas, ijji koo wanta isaan raawwatan hundumaa ni arga.*

      Isaan na duraa hin dhokanne,

      Balleessaan isaaniis ija koo duraa hin dhokanne.

  • Ermiyaas 32:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Gorsi kee guddaa dha,* gochi kees jabaa dha;+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaattii fi akka hojii isaatti isaaf kennuuf,+ ijji kee daandii namootaa hundumaa ni ilaala.+

  • 1 Pheexiros 3:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Sababiin isaas, ijji Yihowaa* qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa;+ taʼus Yihowaan* warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi