-
Isaayyaas 51:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Kan isin jajjabeessu anuma.+
Maarree, nama duʼu,
Ilma namaa isa akka marga lalisaatti coolligus maaliif sodaatta?+
13 Yihowaa isa Uumaa kee taʼe,+
Isa samiiwwan diriirsee+ fi buʼuura lafaa kaaʼe kan irraanfattu maaliifi?
Akka waan inni si balleessuu dandaʼuutti,
Guyyaa guutuu dheekkamsa isa cunqursu* sanaa ni sodaatta turte.
Maarree amma dheekkamsi isa cunqursu sanaa eessa jira?
-