9 Kanaafuu, tajaajilaan kee saba keetiif murtii kennuu, akkasumas wanta gaarii taʼee fi wanta hamaa taʼe gargar baasee beekuu akka dandaʼuuf,+ garaa ajajamu isaaf kenni;+ taʼuu baannaan, saba kee isa baayʼee hedduu taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”