LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 16:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Fixeensi wal irra tuulame sun yommuu hurkettis, wanti haphiin baʼeessi cabbii fakkaatu+ lafa onaa sana irratti bubuʼee ture.

  • Baʼuu 16:35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Israaʼelonni hamma biyya namni keessa jiraatu gaʼanitti,+ waggaa 40f mannaa ni nyaatan.+ Hamma daangaa biyya Kanaʼaan+ bira gaʼanittis mannaa nyaatan.

  • Baʼuu 16:31, 32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Manni Israaʼelis maqaa nyaata sanaa “mannaa”* jedhee moggaase. Nyaanni sun akkuma firii dimbilaalaa adii ture; dhandhamni isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ture.+ 32 Achiis Museen akkana jedhe: “Yihowaan, ‘Isaan yommuun biyya Gibxii keessaa isin baasetti lafa onaa keessatti nyaata akka nyaattaniif ani isiniif kenne kana akka arganiif, isin nyaata sana irraa safartuu oomeerii tokko fudhadhaatii guutummaa dhaloota keessaniitiif kaaʼaa’ jedhee ajajeera.”+

  • Lakkoofsa 11:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Mannaan+ akka firii dimbilaalaa ture;+ bifti isaas haphee urgaaʼu fakkaata ture.

  • Keessa Deebii 8:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu akka hin dandeenye akka beektu gochuuf,+ gad si qabee akka beeloftu ni godhe;+ akkasumas mannaa atis taate abbootiin kee hin beekne si soore.+

  • Yohaannis 6:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Akkuma, ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa nyaata isaaniif kenne’+ jedhamee barreeffame, abbootiin keenya lafa onaa keessatti mannaa nyaatan.”+

  • 1 Qorontos 10:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 hundi isaanii Musee hordofanii duumessichaa fi galaanichaan cuuphaman; 3 hundi isaanii nyaata hafuuraa tokko irraa nyaatan;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi