LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 9:18-20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Haa taʼu malee, geggeessitoonni yaaʼichaa maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin isaaniif kakatanii+ waan turaniif, Israaʼelonni isaan hin rukunne. Kanaan kan kaʼes, guutummaan yaaʼichaa geggeessitoota sana irratti gungumuu jalqabe. 19 Yeroo kanatti geggeessitoonni hundi guutummaa yaaʼichaatiin akkana jedhan: “Maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin waan isaaniif kakanneef, akka isaan miinu nuuf hin heyyamamu. 20 Akkana goona: Kakaa isaaniif kakanneen kan kaʼe dheekkamsi akka nu irratti hin dhufneef isaan hin ajjeesnu.”+

  • Abbootii Murtii 11:34, 35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Dhuma irrattis, Yiftaan gara mana isaa isa Misphaatti+ argamuutti ni deebiʼe; kunoo, yeroo kanatti intalli isaa isa simachuuf dibbee rukutaa fi shubbisaa mana keessaa gad baate! Ishiin intala isaa ishii takkittii turte. Inni ishii malee ilmas taʼe intala kan biraa hin qabu ture. 35 Yommuu ishii argus uffata isaa tarsaasee, “Wayyoo, yaa intala too! Garaa koo cabsite;* kanan manaa baasu siini. Ani Yihowaadhaaf waadaa galeera;* duubatti deebisuus hin dandaʼu”+ jedhe.

  • Faarfannaa 50:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Waaqayyoof galata akka aarsaatti dhiheessi,+

      Wareega Isa Hundaa Oliitiif wareegdes raawwadhu;+

  • Maatewos 5:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 “Kana malees, namoota bara duriitti jiraataniin, ‘Wareega Yihowaadhaaf* wareegde raawwadhu+ malee akkasumaan hin kakatin’+ akka jedhame dhageessaniittu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi