-
Leewwota 16:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Aaron harka isaa lamaan mataa reʼee isa lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee, balleessaa Israaʼelotaa hundumaa, yakka isaanii hundumaa fi cubbuu isaanii hundumaa isa irratti ni himata; achiis cubbuuwwan kana mataa reʼee sanaa irra kaaʼee+ namni hojii kanaaf ramadame* gara lafa onaatti akka isa geessu godha. 22 Reʼeen sunis balleessaa isaanii hundumaa baatee+ gara lafa gammoojjii deema;+ innis reʼee sana gara lafa onaatti erga.+
-
-
Ermiyaas 31:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Yihowaan akkana jedha: “Sana booda isaan keessaa eenyu iyyuu, ‘Yihowaa beeki!’ jedhee nama kan biraas taʼe obboleessa isaa hin barsiisu;+ sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii iyyuu na beeku.+ Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu.”+
-