LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 33:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Balleessaa isaanii isa ittiin cubbuu na irratti raawwatan hundumaa irraa isaan nan qulqulleessa;+ cubbuu fi balleessaa isaan na irratti raawwatan hundumaas isaaniif nan dhiisa.+

  • Ermiyaas 50:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti,

      Warra akka jiraatan ani isaaniif heyyame sanaaf dhiifama waanan godhuuf,

      Yakki Israaʼel ni barbaadama,

      Garuu homtuu hin argamu,

      Cubbuun Yihudaas hin argamu.”+

  • Maatewos 26:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Xoofoos fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kennee akkana jedhe: “Hundi keessan isa keessaa dhugaa;+ 28 kun dhiiga koo isa ‘dhiiga+ kakuu’+ taʼee fi namoota hedduudhaaf dhiifama cubbuu+ argamsiisuuf dhangalaʼu+ argisiisa.

  • Ibroota 8:10-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “‘Guyyoota sana booda kakuun ani mana Israaʼelii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo sammuu isaanii keessa nan kaaʼa, garaa isaanii keessattis nan barreessa.+ Ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+

      11 “‘Sana booda isaan keessaa eenyu iyyuu, “Yihowaa* beeki!” jedhee lammii isaas taʼe obboleessa isaa hin barsiisu. Sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii iyyuu na beeku. 12 Ani jalʼina isaan hojjetan isaaniif nan dhiisa, sana boodas cubbuu isaanii hin yaadadhu.’”+

  • Ibroota 9:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Inni kakuu haaraadhaaf araarsaa kan taʼe kanaafi;+ kana kan godhes warri waamaman dhaala bara baraa isa waadaa galame sana akka argataniif,+ balleessaa kakuu isa duraa sana jalatti raawwataniif karaa duʼa isaa furichaan bilisa isaan baasuufi.+

  • Ibroota 10:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Itti dabaluudhaanis, “Ani sana booda cubbuu isaanii fi jalʼina isaan hojjetan hin yaadadhu”+ jedha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi