1 Mootota 22:19 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 19 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii+ nan arge. Faarfannaa 148:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Maleekonni isaa hundi isa jajadhaa.+ Guutummaan raayyaa isaa+ isa jajadhaa. Luqaas 2:13, 14 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Akkuma tasaa raayyaan samii+ hedduun maleekaa sanaa wajjin mulʼatanii, akkana jedhanii Waaqayyoon jajatan: 14 “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota isa biratti fudhatama argataniif nagaan haa taʼu.”
19 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii+ nan arge.
13 Akkuma tasaa raayyaan samii+ hedduun maleekaa sanaa wajjin mulʼatanii, akkana jedhanii Waaqayyoon jajatan: 14 “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota isa biratti fudhatama argataniif nagaan haa taʼu.”