LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Nahimiyaa 9:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Atis gocha of tuulummaa+ isaan irratti raawwachuu isaanii beektee, Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi namoota biyya isaa hundumaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan raawwatteetta.+ Ofii keetiifis maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta.+

  • Faarfannaa 78:43-51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 43 Mallattoowwan isaa Gibxii keessatti,+

      Dinqiiwwan isaas naannoo Zoʼaan keessatti akkamitti akka argisiise,

      44 Lageen isaanii keessaa dhuguu akka isaan hin dandeenyeef,

      Boʼoowwan Abbayyaa akkamitti gara dhiigaatti akka jijjiires+ hin yaadanne.

      45 Inni tuuta qarxaasaa isaan nyaatu,+

      Raacha isaan balleessus isaanitti erge.+

      46 Midhaan isaanii awwaannisa hin quufneef,

      Firii dadhabbii isaaniis hoomaa awwaannisaatiif ni kenne.+

      47 Mukeetii wayinii isaanii cabbiidhaan,+

      Mukeetii harbuu isaaniis cabbii guguddaadhaan ni balleesse.

      48 Horiiwwan feʼumsaa isaanii cabbiitti,+

      Horiiwwan qeʼee isaaniis bakakkaatti* dabarsee kenne.

      49 Aarii isaa isa bobaʼaa,

      Finiina, dheekkamsaa fi dhiphina,

      Tuuta maleekotaa badiisa fidanis isaanitti erge.

      50 Dheekkamsa isaatiif daandii qopheesse.

      Duʼa irraa isaan* hin oolchine;

      Kanaa mannaa, golfaadhaaf dabarsee isaan* kenne.

      51 Dhuma irrattis angafoota Gibxii hundumaa,

      Warra firii jalqaba jabina isaanii taʼan dunkaanota Kaam keessatti ni rukute.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi