-
Keessa Deebii 4:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Yookiin Waaqni keessan Yihowaan biyya Gibxii keessatti ijuma keessan duratti akka isiniif godhetti, murtiiwwaniin, mallattoowwaniin, dinqiiwwaniin,+ waraanaan,+ harka jabaadhaan,+ irree diriirfameen, akkasumas gochawwan sodaachisoo taʼaniin+ saboota kaan keessaa ofii isaatiif saba tokko fudhachuuf yaadee beekaa?
-
-
Faarfannaa 105:27-36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Isaanis mallattoowwan isaa isaan gidduutti,
Dinqiiwwan isaas biyya Kaam keessatti ni raawwatan.+
28 Inni dukkana ni erge, biyyattiinis ni dukkanoofte;+
Isaan dubbii isaa irratti hin fincille.
29 Bishaan isaanii gara dhiigaatti jijjiiree
Qurxummiiwwan isaanii ajjeese.+
30 Kutaawwan mana mootii illee dabalatee
Biyyi isaanii raachaan ni guutamte.+
31 Akka isaan weeraraniif qarxaasaawwan,
Naannoowwan isaanii hundumaa keessattis bookeewwan ni erge.+
33 Mukeetii wayinii fi mukeetii harbuu isaanii ni rukute,
Mukeetii naannoo isaanii keessa jiranis ni caccabse.
34 Awwaannisni, awwaannisni xixinnoon lakkoofsa hin qabnes,
Akka isaan weeraran ajaje.+
35 Isaanis biqiltoota biyyattii keessatti argaman hundumaa,
Oomisha lafattiis nyaatanii fixan.
36 Achiis angafoota biyya isaanii keessa jiran,
Warra firii jalqaba jabina isaanii taʼan hundumaa ni rukute.+
-