-
Hojii Ergamootaa 1:16-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 “Yaa obbolootaa, waaʼee Yihudaa isa namoota Yesuusiin qaban dura buʼee dhufe sanaa+ wanti hafuurri qulqulluun karaa Daawit Kitaabota Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbate raawwatamuun+ isaa barbaachisaa dha. 17 Sababiin isaas, inni nuu wajjin lakkaaʼamee ture;+ tajaajila kana irrattis hirmaachaa ture. 18 (Namichi kun mindaa jalʼina hojjeteef isaaf kaffalameen lafa bite;+ mataadhaan kufees qaamni isaa ni tarsaʼe; marʼimaan isaa hundis keessaa jige.+ 19 Kunis jiraattota Yerusaalem hundumaa biratti ni beekame; kanaafuu, lafichi afaan isaaniitiin Akeldaamaa, jechuunis “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamame.) 20 Sababiin isaas, kitaaba Faarfannaa keessatti, ‘Iddoon inni jiraatu haa onu, namni achi keessa jiraatu tokko illee hin argamin,’+ akkasumas ‘Mirga inni ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaaf argate namni kan biraan haa fudhatu’+ jedhamee barreeffameera.
-