-
Maatewos 10:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Simoon isa hinaafticha, akkasumas Yihudaa Asqoroticha isa yeroo booda dabarsee isa kenne.+
-
-
Luqaas 6:12-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yeroo sanatti Yesuus kadhannaa dhiheessuuf gara gaaraatti ol baʼee,+ halkan guutuu gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessaa bule.+ 13 Yommuu bariʼus, barattoota isaa ofitti waamee isaan keessaa namoota 12 filatee ergamoota jedhee moggaase; isaanis kanneen kana dha:+ 14 Simoon isa inni Pheexiros jedhee moggaasee fi obboleessa isaa Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos,+ Bartolomewos, 15 Maatewos, Toomaas,+ Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa “hinaafticha” jedhamu, 16 Yihudaa ilma Yaaqoobii fi Yihudaa Asqoroticha isa gantuu taʼe.
-
-
Yohaannis 6:70, 71Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
70 Yesuusis, “Ani kudha lamaan keessan iyyuu filadheera mitii?+ Isin keessaa inni tokko garuu maqaa kan balleessu* dha”+ jedhee deebise. 71 Yeroo kanatti waaʼee Yihudaa ilma Simoon Asqorotichaa dubbachuu isaa ture; sababiin isaas, inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus, gara fuulduraatti dabarsee isa kennuuf jedha ture.+
-