LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 22:43, 44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 43 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee+ Gooftaa jedhee isa waama? 44 Inni akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedheera.’

  • Maarqos 12:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Daawit hafuura qulqulluudhaan+ geggeeffamee akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi” jedheera.’+

  • Luqaas 20:42, 43
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Daawit kitaaba Faarfannaa keessatti akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti 43 mirga koo taaʼi”+ jedheera.’

  • Hojii Ergamootaa 2:34, 35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Daawit gara samiitti ol hin baane, garuu innumti iyyuu akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin akkana jedheera: 35 “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti mirga koo taaʼi.”’+

  • 1 Qorontos 15:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Sababiin isaas, inni hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miila isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba.+

  • Ibroota 1:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Inni ulfina+ Waaqayyoo calaqqisa, eenyummaa isaas sirriitti bakka buʼa;+ akkasumas humna dubbii isaatiin waan hundumaa jiraachisa. Inni cubbuu keenya erga qulqulleessee booda,+ mirga isa Ulfina Qabeessa sanaa, iddoo ol aanaa taaʼe.+

  • Ibroota 1:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Haa taʼu malee, maleekota keessaa isa kamiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedhee beeka?

  • Ibroota 10:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Namni kun garuu yeroo hundumaatiif akka taʼutti cubbuudhaaf aarsaa tokko dhiheessee mirga Waaqayyoo taaʼe;+ 13 yeroo sanaa jalqabee hanga diinonni isaa ejjeta miila isaa godhamanitti eeggachaa jira.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi